Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Baankii Misooma Afrikaa Ityoophiyatti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu taasisaa jira jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) – Sagantaan Baankii Misooma Afrikaa qonnaan bultoota ardichaaf dhiyeessii teeknooloojii deeggaru Ityoophiyatti jijjiiramni qabatamaan akka dhufu taasisaa jiraachuu preezdaantiin baankichaa ibsan.

Preezdaantichi walga’ii biyyoota garee G7 irratti gama viidiyoo koonfiransiin ergaa dabarsaniin, waraanni Raashiyaa fi Yuukreen biyyoota hedduu rakkoo wabii nyaataaf saaxiluu kaasaniiru.

Yeroo ammaa Afrikaaf deeggarsa midhaan nyaataa taasisuu osoo hin taane oomishtummaa dabaluurratti kaayyeffachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Qonnaan bultootaa ardichaaf teeknooloojii barbaachisaan osoo dhiyaate Afrikaa sooruu kan danda’an ta’uu eeruun, Sagantaa Teeknooloojii Ce’umsa Qonnaa Afrikaa jedhuun waggoottan lama keessatti qonnaan bultoota Afrikaa miiliyoona 12’f sanyii midhaanii haala qilleensaa dandamachuu danda’u dhiyaachuu yaadachiisaniiru.

Qonnaan bultoota Ityoophiyaaf  sanyii qamadii qilleensa ho’aa dandamachuu danda’u deeggarsa taasisuun waggoottan lama keessatti lafa heektaara kuma dhibba 6 fi kuma 75 misoomsuun danda’amuu fi oomisha qamadii alaa galu %80 hir’isuun danda’amuu eeraniiru.

Deeggarsa Baankii Addunyaarraa taasifamuufiinis waggoottan itti aananitti Ityoophiyaan qamadii meetirik toonii 1.2-1.5 Keeniyaa fi Jibuutiif ni dhiyeessiti jedhaniiru.

Dhiibbaa waraanni Raashiyaa fi Yuukreen wabii nyaataarraan ga’u qolachuuf Baankiin Misooma Afrikaa dhiyeessii oomisha midhaan nyaataa ariifachiisaaf Doolaara biiliyoona 1.6 raggaasuu dubbataniiru.

Karoorri dhiyeessii oomisha midhaan nyaataa ariifachiisaa kunis Gamtaa Afrikaa waliin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.