Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan ifoomsa ijaarsa nageenyaa dubartoota Ityoophiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Sagantaan ifoomsa ijaarsa nageenyaa dubartoota Ityoophiyaa gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Sagantichi bakka Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee fi Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee argamanitti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.

Walitti bu’iinsi biyyattiitti mudate lubbuu lammiilee galaafachuurra darbee dubartootaa fi daa’imman miidhaa guddaaf saaxiluu Preezdaant Saahilawarq haasawaa taasisaniin ibsaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan  lammiileen nagaa hedduun du’uu fi ajjeechaan gara jabeenyaa dhiyeenya lammiileerratti raawwatameen jalqabarratti saaxilamoo kan ta’an dubartootaa ta’uu eeraniiru.

Dubartoonni nageenyaa fi walitti bu’iinsa furuurratti ga’ee olaanaa ba’achuu akka qaban ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.