Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan maaddii qooddachuu tokkummaa, jaalalaa fi waliif yaaduu cimsuurratti kaayyeffate gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 18, 2014 (FBC) – Mata duree “waliif qoodnee, wal deeggarree fi waliif yaadnee ni ceena” jedhuun Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinneetti sagantaan maaddii qooddachuu gaggeeffameera.

Saganticharratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni dhaabbilee amantaa, hordoftoonni amantaa islaamaa, bakka buutonni hawaasa garaagaraa, dargaggoonnii fi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa argamaniiru.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen haasaa saganticharratti taasisaniin, sagantichi tokkummaa, jaalala fi waliif yaaduu cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu eeraniiru.

Ibsituuwwan keenya garaagaraa kunuunsuu fi dhalootaaf dabarsuutu nurra jira jedhaniiru.

Saganticha hoggantoonnii fi bakka buutonni dhaabbilee amantaalee garaagaraa eebbaa fi kadhannaan eegalchiisaniiru.

Tigist Silashiitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.