Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan muuxanno gaarii saayinsii hawaa Raashiyaa qooddachuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015(FBC)- Sagantaan muuxanno gaarii saayinsii hawaa Raashiyaa qooddachuu magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Saganticha kan qopheessan Ityoophiyaatti Embaasii Raashiyaa, Inistiitiyuutii Saayinsiifi Teekinooloojii Hawaa Ityoophiyaafi Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Finfinnee yoo ta’an, saganticharratti hayyoonniifi barattoonni hirmaataniiru.

Qorataan Hawaa Raashiyaa Sargee Savarchiikoov muuxannoofi beekumsa damicharratti horate hayyootaafi barattoota kanneeniif qoodeera.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Finfinnee Dooktar Darajjee Yilmaan, sagantichi barattootaaf kaka’umsa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Yuunivarsiitichi dameewwan barnootaa garaagaraan Inistiitiyuutii Injinariingii Mooskoo dabalatee dhaabbilee barnootaa olaanoo Raashiyaa waliin damee saayinsiifi teekinooloojiin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Sagantaan wal jijjiirraa muuxannoo kunis hariiroo dhaabbilee kanneenii cimsuufi galma waloof hojjechuuf shora olaanaa kan qabu ta’uu eeraniiru.

Daayrektarri Olaanaan Saayinsiifi Teekinooloojii Hawaa Abdiisaa Yilmaa gamasaaniin, Ityoophiyaan waggoottan dhiyoo asitti damichaaf xiyyeeffannoo laattee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojii eegalameefis muuxannoofi deeggarsi Raashiyaa gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Eeeviignii Tarkiiyeen, Ityoophiyaan waggoottan 8 dura karoora qorannoo hawaa qopheessuun Afrikaa Bahaarraa saatalaayitii jalqabaa furguggisuu yaadachiisaniiru.

Tumsi biyyoonni lameen damichaan qaban cimee kan itti fufu ta’uus eeraniiru.

Tsaggaayee Wandiwasantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.