Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibse

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Sagantaan Nyaata Addunyaa deeggarsa namoomaa Ityoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibse.

Daayrektoreet Jeneraaliin Dhimmoota Prootokoolii Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Axnaafuun Ityoophiyaatti bakka bu’aa Sagantaa Nyaata Addunyaa haaraa Klaawud Jiibdaar waliin mari’ataniiru.

Deeggarsa namoomaa dhaabbatichi lammiilee Ityoophiyaa deeggarsi barbaadaniif taasisuuf obbo Dammaqaan galateeffataniiru.

Naannoo Tigraayitti dhiyeessii deeggarsa namoomaa ariifachiisuuf jecha mootummaan walitti bu’iinsa dhaabuu yaadachiisuun, naannichatti deeggarsi namoomaa geejjiba lafarraa fi qilleensarraan akka dhiyaatuuf haala mijataa uumuu addeessaniiru.

Hojiilee deeggarsa namoomaa dhaabbatichi naannichatti taasisuuf gama Ministeera Dhimma Alaan tajaajilli si’ataan kan kennamuuf ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaatti bakka bu’aa Sagantaa Nyaata Addunyaa haaraa Klaawud Jiibdaar gamasaaniin, dhaabbatichi deeggarsa namoomaa guutuu biyyatti taasisu cimee kan itti fufu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.