Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan nyaataa bara dhufuu barattoota kuma 600 of keessatti hammaata-Injiinar Taakkala

Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) –Bara kana barattootaf deeggarsi taasifamee waggaa dhufuus cimee kan itti fufaa ta’u itti aanaan kantiiba magaalaa Finfinee Injaar Taakkalaa Uumaan himaniiru.

sagantaan nyaataa waggaa dhufuu barattoota kuma 600 of keessatti kan haammatu ta’u dubbataniiru.

Sagantaan  ‘barumsa mana kootti’ televiizhinii keennama tureen barattoonni ergaa barreeffama gabaaba irratti hirmaataa turaanii fi qabxii garii fidan badhafamaniiru

Badhaasichi kan kenname barattoota sadarkaa barnoota gaaragaraarratti argaman 41 fi jedhameera.

Badhaasichi  laaptooppii yoo ta’u, maatii barataa isaa deeggareef ammo keennan televiizhinii laatameera.

Badhaasichaa kan lataan Injiinara Taakkalan, sabaaba vaayrasii koroonaaf barnooti idilee gufatuus barnoota teeknooloojiin deeggarameen baratoota barsiisun itti fufeera jedhan.

Bulchiinsi magaalichaas barnootarratti xiyyeeffaannoo laatee kan itti fufuu ta’u dubbataniiru.

Kanaafis bara kana barattootaaf deeggarsi taasifame yuunifoormi, meeshaalee barnootaa fi sagantaan nyaataa yoo ta’u, bara dhufuus cimee itti fufaa jedhaniiru

Tumsa  televiizhinii Afrii Heelziin fi Biiroo Barnoota magaalaa Finfinneen tamsa’aa kan jiru yoo ta’u,tamsa’inni saganticha ganama sa’a 3 hanga guyyaa sa’a 9  itti fufaa jedhaniiru.

Barattoonnis ergaa gabaaba 8455 irratti erguun hirmaachuu akka danda’aan ragan waajjira kantibaarra arganne ni muul’dhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.