Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan seeftineetii misoomaawa boqonnaa 5ffaan ifoome

Finfinnee, Bitootessa 20, 2013 (FBC)- Sagantaan seeftineetii misoomaawa boqonnaa 5ffaan ifoomeera.

Sadarkaa biyyaatti aanaaleen 408 lammileen miiliyoonni 8 ol seeftineetii misoomaawaan fayyadamoo ta’aniiru.

Sagantichi hiyyummaa hir’isuu fi wabii nyaata mirkaneessuun waliin ga’insaarratti bu’aan argamuu ibsameera.

Kanaafis lammiileen miiliyoonni 3.9 ol nyaataan of danda’aaniiru jedhameera.

Saganticha eegalchiisuurratti qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi bakka buutoonni biyyoota deeggarsa taasisaanii idil addunyaa hirmataniiru.

Sagantichi waggoottaan shanan dhufaniif naannolee garagaraa keessaatti hojiirra ni oolaa jedhameera.

Yismaaw Adaraatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.