Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan Sosochii farra araadaa gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Sagantaan sosochii farra Araadaa gaggeeffamuu Ministeerri Dhimma Hojjetaa fi hawaasummaa beeksise.

Sosochiin  kun sagantaa aartii barsiisoo ta’an garaagaraa qopheessuun hojiin hubannoo uumuu manneen barnootaa keessatti gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Qorichii fi baalli sammuu adoochu dhalootatti qormaata ta’uun rakkoo hawaasummaa cimaaf saaxilaa akka jiru Ministir deettaan Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa obbo Geetahuun Abdiisaa himaniiru.

Qorichii fi baalli sammuu adoochu biyyaa fi addunyaattis qormaata hamaa ta’aa jira kan jedhan obbo Geetahuun, furmaata isaaf lammiileen hundi ga’ee isaanii ba’uu qabu jedhan.

Ministeerichi dhaabbilee hojii hubannoo uumuu hojjechaa jiranif deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni muul’isa.

Sagantaa sosochii farra araadaa kanaan dhaabbilee fi qaamoolee dhuunfaa gumaacha godhaniif beekkamtiin laatamuutu ibsame.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.