Fana: At a Speed of Life!

Sakattoo guyyoota darban gaggeeffameen meeshaaleen waraanaa hedduun too’ataman

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (FBC) – Sakattoo guyyoota darban gaggeeffameen shugguxoota kuma 1 dabalatee Boombiiin, Fanjiin, Manatsirri dirree waraanaa fi meeshaaleen waraanaa garaagaraa hedduun too’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.
Haala yeroo ilaalchisee itti aanaan komishiini poolisii federaalaa komishiinar jeneraal Malaakuu Faantaa ibsan laataniiru.
Magaaloota guutuu biyyattiitti gochaa shororkeessummaa raayyachuuf yaaliin kan ture ta’uu ibsaniiru.
Yaalicha fashaleessuuf sakattoon cimaan gaggeeffamaa turuu eeraniiru.
Gama biroon eegdoonni dhaabbilee dhuunfaa dhorkamanii turan 14 jalatti hojjetaa turan karaa nagaan hojii isaanii hojjechuu akka qaban komishinichi hubachiiseera.
Eegdoonni dhaabbilee dhuunfaa dhorkamanii turan 14 jalatti qaxaramanii hojjetaa turan keessaa kanneen fayyaa ta’anii fi rakkoo qaban adda baasuuf hojjetamaa jiraachuu himameera.
Bu’aan qorannoo isaa yeroo dhiyootti kan ifoomu ta’uu ibsameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.