Fana: At a Speed of Life!

Sanada sobaa fayyadamuun gajaraan gara biyyaa galuuf ture to’annaa jala oole

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC)- Sanada sobaa fayyadamuun gajaraan gara biyyaa galuuf ture to’annaa jala oolu Ministeerri Galiiwwanii beeksisee.

Sanada sobaatin maqaa nama dhuunfaatin gajaraan kumni dhibbi 1 fi kumni 86 fi 240 konteeyinarootaan Chaayinaarra fe’amee gara biyyaa galuuf ture gumurukaa Mojootti to’annaa jala ooleera.

Karaa intalejeensii komishinii gumurukaa fi wajjiira gumurukaa damee Mojootin hordooffiin taasifamee sanadni dhiyaatee wayita qulqulla’uu sobaa fi meeshichii gara biyya keessaa akka seenuuf poolisii federaalaarra eeyyamnii akka hin laatamnee mirkanaa’eera.

Poolisiin dhimmicha qorachaa jira jedhameera.

Gajaraan meeshaalee to’annatamaan keessaa isaa tokkoo yoo ta’u, poolisii federaalaarra eeyyamaa seeraa qabeessaa yoo hin argatiin biyya keessaa galchuun dhorkaa ta’uu ragaan ministeericharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.