Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Atleetiksii Guddattoota Ityoophiyaa akkuma itti fufetti jira

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Shaampiyoonaan Atleetiksii Guddattoota Ityoophiyaa Istaadiyeemii Magariisaa Asallaatti gaggeeffamaa jiru oolmaa isaa guyyaa 3ffaan itti fufee jira.

Guddattoota hedduu kan hirmaachise Shaampiyoonaan guddattootaa kun Atleetoota haaraa baasuuf carraa guddadha jedhameera.

Dorgommii hanga ammaatti gaggeeffameen darbannaan Aloolloo, Diskasii, fiigichi fageenya meetira 400 dubartootaa fi 800 kan dhiirotaa xumura argachuu ibsameera.

Oolmaa isaa guyyaa 2ffaatiin guddattoonni umurii 16 fi 18 darbannaa diskasii, utaalcha, fiigicha meetira 100, 400 800 dhiirotaa fi dubartootaa gosa dorgommii 12 xumuramuu himameera.

Dorgommiin darbannaa eeboos koorniyaa lamaaniinuu eegalameera.

Guyyaa har’aas fiigichi gufachiisaa meetira 400 fi 2000 dhiirootaan, meetira 100 fi 2000 dubartootaa dorgomameen dorgommiin 9 xumura argachuu isaa ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.