Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa boru Walisootti eegala

Finfinnee, Amajjii 1, 2015 (FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli argisiisaa Aadaa Oromiyaa boru Amajjii 2-14, 2015tti Godina Shawaa Kibba Lixaa Magaalaa Walisootti gaggeeffamuu eegala.

Itti Gaafatamaan Waajjira Ispoortii fi Dargaggoo Godinichaa Obbo Girmaa Jamboo Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsa kennaniin, shaampiyoonaan kun gosoota ispoortii 10 fi argisisi aadaa garaagaraa kan gaggeeffamu ta’uu himan.

Shaampiyoonaa kana Godina Shawaa Kibba Lixaa fi Bulchiinsi Magaalaa Walisoo waloon kan qopheessan ta’uu eeruun, saganticha gaggeessuufis qophii barbachisaan xumuramuu eeraniiru.

Saganticharratti, nyaataa aadaa, sirna fudhaa fi heerumaa, sirna gaddaa itti ibsatan fi kanneen biroon akka dhiyaatan eerameera.

Ispoortiin aadaa kanneen akka gugsii fardaa, wal’ansoo fi taphoota aadaa biroon ni dhiyaatu jedhameera.

Tsahaay Gulummaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.