Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii dubartoota Oromiyaa 4ffaan eegalera

Finfinnee, Bitootessa 18, 2013 (FBC) – Shaampiyoonaan Ispoortii dubartoota Oromiyaa 4ffaan magaalaa Baatuutti eegalera.

Shaampiyoonaa kanarratti Ispoorteessitoonni 1500 ol ta’an kan hirmaataan ta’uu himameera.

Shaampiyoonaan Ispoortii dubartootaa 4ffaan bara kana magaalaa Baatuutti eegalame kun gosoota Ispoortii 10′ nin Bitooteessa 18- 27/13 tti gaggeeffama jedhame.

Sirna baniinsa shaampiyoonaa kanarratti argamuun haasawa kan taasisan, Koomishinarri koomishinii Ispoortii Oromiyaa Naasir Huseen Ispoorteessitootni Dubartoota biyya keenyaa yeroo adda addaatti wal dorgommii sadarkaa idil addunyaatti taasifamaniin alaaban biyyatti ol siqee akka mirmirfamuu taasisan turuu kaasuun, bakka bu’oota Ispoorteessitoota kanneen argachuuf ammoo dorgommiwwan akkanaa taasisuun murteessa tahuus himaniru.

Dubartoota dorgommiwwan Ispoortii mara irratti hirmaachisuuf jecha sadarkaa gadii eegalamee proojektii keessatti hammatamuun gosa Ispoortii hundaan akka ga’oomanif hojjatamaa jiraachuus obbo Naasir Huseen himuu isaanii ragaan Koomishinii Ispoortii Oromiyaarra arganne ni mul’isa

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.