Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii Guutuu Oromiyaa 26ffaan Jimmaatti jalqabe

Finfinnee, Ebla 6, 2016 (FBC)-Shaampiyoonaan Ispoortii guutuu Oromiyaa 26ffaan Magaalaa Jimmaatti jalqabeera.

Sagantaan Shaampiyoonichaa agarsiisa garaagaraatiin kan eegale yoo ta’u, akaakuuwwan Ispooortii garaagaraa 21’n dorgommiin ni gaggeeffama jedhameera.

Sirna baniinsa dorgommichaarratti, Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaan dorgommichi hawaasummaa fi obbolummaa cimsuu keessatti iddoo olaanaa qaba jedhaniiru.

Pireezdantiin Federeeshiinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraan gama isaaniin, dorgommiiwwan akkanaa ispoorteessitoota bakka bu’an horachuuf akka gargaaran dubbataniiru.

Dorgommichi torbanoota lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u, godinaaleen 21 fi magaaloonni 23 kan hirmaatan ta’uun eerameera.

Muktaar Xahaa fi Abdurraahmaan Mahammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.