Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan Ispoortii magaaloota godina Jimmaa eegale

Finfinnee, Caamsaa 2, 2015(FBC)- Shaampiyoonaan Ispoortii magaaloota godina Jimmaa guyyaa har’aa eegaleera.

Shaanpiyoonaa kana irratti ispoortessitoonni 700 ol maagaalota 36 irraa walitti babba’an kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommichi guyyoota 15’f turu ta’uu ibsameera.

Itti Gaafatamaan WaajJira Dargaggoofi Ispoortii godinichaa obbo Nagumaa Makonnin, kaayyoon shaanpiyoonachaa ispoorteessitoota naannoofi biyya bakka bu’an horachuu ta’uu dubbataniiru.

Dorgommichi milkiin akka xumuramuuf qophiin barbaachisaan taasifamuu himaniiru.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir gamasaaniin, dorgomichi nagaan akka xumuramuuf ispoortessitoonni gahee isaan akka bahatan dhaamsa dabarsaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.