Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaan kubbaa miilaa magaaloota godina Jimmaa Xumurame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2015(FBC)- Shaampiyoonaan kubbaa miilaa magaaloota godina Jimmaa torban lamaaf geggeffamaa ture xumurameera.

Shaampiyonicharratti magaaloonni 36 kan hirmaatan yoo ta’u dorgommii diviziyoona 1ffaan magaalaan Toobbaa, dorgommii diviziyoona 2ffaan magaalaan Gaattiraa shaampiyoonaa bara 2015 ta’uu isaanii mirkaneeffataniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Dargaggoofi Isportii godina Jimmaa obbo Nagumaa Makonnin, isporteessitoota ciccimoo horachuuf dorgommiin taasifamuu cimee itti fufa jedhaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Isportii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa gama isaaniitiin, isporteessitoonni araada irra fagachuun fakkeenya ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir, dargaggoonni Isportii cinaatti hojiiwwan tola oltummaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan dhaamsa dabarsaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.