Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Maanchiisteer Siitii fi Riyaal Maadriid gidduutti taphatamu akkaan eegama

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) –Tapha Walakkaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni har’a Maanchiisteer Siitii fi Riyaal Maadriid gidduutti taphatamu akkaan eegama.

Taphni deebii walakkaa xumuraa shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’a galgala Sa’aatii 4:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Ithaadiitti Maanchiisteer Siitii fi Riyaal Maadriid gidduutti taphatamu xiyyeeffannoon argateera.

Taphni marsaa jalqabaa goolii 1 qixaan xumuramuun kan yaadatamuudha.

Siitiin yeroo ammaa ga’umsa olaanaarratti argamuun isaa Maadriid ammoo Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Kilaba muuxannoo olaanaa qabu ta’uun isaa taphnichi hawwiin akka eegamu taasiiseera.

Tapha deebii kaleessa taphatameen Inter AC Miilaan injifachuun xumuraaf ga’uun kan yaadatamuudha.

Taphni xumuraa Waxabajjii 3, 2015 taphatama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.