Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti baalli hadoochituun qotamee ture to’atame

Finfinnee, Hagayya, 9, 2014(FBC)- Magaalaa Shaashamanneetti baalli sammuu namaa hadoochu lafa kaaree meetira kuma 1 fi 100 ol irratti facaafame to’atamuun ibsame.

Baalli kun eeruu ummataa fi sakatta’iinsa qaamoleen nageenyaa taasisaniin to’atamuu Itti Aanaan Daayrektarri Waajjira Poolisii Aanaa Lammaffaa Inispeektar Taammiraat Abbabaa himaniiru.

Baala kana fayyadamuun yakkoonni akka saamichaa, gudeeddaa fi hannaa raawwatamaa turuu Inspeektar Taammiraat ibsuun, hawaasa naannawichaa fi diinagdee biyyaarraan miidhaa geessisuu himaniiru.

Ammas hawaasni yakkoota akkanaa yoo arge qaamolee nageenyaatiif eeruu akka kennuun tumsa akka taasu dhaamaniiru.

Jibiriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.