Fana: At a Speed of Life!

Shaashamanneetti sagantaan nyaata barattootaa Birrii miiliyoonaa 43 oliin eegale

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)-Magaalaa Shaashamanneetti sagantaan nyaata barattootaa Manneen barnootaa 30 kennamu Birrii miiliyoona 43.7’n eegaleera.

Sagantaa kanaan magaalattiitti barattoota kuma 33 fi 620 manneen barnootaa 30’tti argamaniif nyaanni akka dhiyaatu ibsameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee Obbo Eda’oo Suufa, kaayyoon sagantichaa barattoonni sababa nyaataatiin manneen barnootaa irraa akka hinhafne fi dhaloota boru biyya dhaalu oomishuudha jedhan.

Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu sagantichi qulqullina barnootaa eegsisuufi barattoota qabxii gaarii galmeessuun dorgomtoota ta’an horachuuf tumsa jedhaniiru.

Jibiriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.