Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni daawitii konkolaataa cabsanii Birrii kuma 600 hatan qabaman

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Shakkamtoonni daawitii konkolaataa cabsanii Birrii kuma 600 hatanii miliquuf yaalan qabaman.

Koomiishiniin Poolisii Finfinnee akka beeksisetti hattoonni kanneen tumsa dargaggeessa motora oofuu fi poolisiidhan qabamaniiru.

Namichi maallaqni jalaa hatame obbo Muddiin Kadir magaalaa Finfinnee Kolfee Qaraaniyootti daldalaa yoo ta’an, iqqubii isaan qaqqabe baankii osoo hin galchin konkolaataa keessa kaa’anii Solaanni geenyan naannoo Finfinneetti masjiida seenu.

Dargaggoon mootora oofu Abdulfattaah Shamsaddiin Solaataf mootora yoo dhaabu, shakkamtoonni 3 fooddaa konkolaataa daandii qarqara dhaabbate cabsanii maallaqa yoo fudhatan arga.

Hattoonni kanneen itti yaadanii konkolaataa ittiin miliqan qopheeffataniit turan.

Miliquuf yaalanis tumsa dargaggoo Abdulfattaah Shamsaddiinii fi poolisootatiin to’annoo jala oolfamanii qoratamaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.