Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni galmee Hamzaa Booranaafaa jalatti tarreeffaman 9 mana murtii dhiyaataniiru

Finfinnee, Adoolessa 30, 2012 (FBC) – Shakkamtoonni galmee Hamzaa Booranaafaa jalatti tarreeffaman 9 mana murtii dhiyaataniiru.
 
Shakkamtoonnis Hamzaa Booranaa, Yaalamwarq Asaffaa, Taammiraat Huseen, Sabbooqaa Qaaritee fi Geetuu Tarrafaa dabalatee 9 yoo ta’an, 8 jaldhaabdota obbo Jawaar Mahaammadi.
 
Shakkamtoonni kaleessa waaree booda mana murtii sadarkaa jalqabaa federaalaa dhaddacha ramaddii yakkaa Araadaatti si’a 4ffaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, qorataan poolisii yaada ragaalee 27 funaanuu beeksiseera.
 
Manni murtichaa mirga wabii shakkamtoonni gaafataniif ajaja laachuuf har’atti beellama qabateera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.