Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni haada sarara bilbilaa hatan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 5, 2012 (FBC) – Shakkamtoota haada sarara bilbilaa hatan too’achuun qorannoo gaggeessaa jiraachuu Koomishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.

Haadni kun qabeenyummaan isaa kan Iityoo – Teeleekoom yoo ta’u, magaala Finfinnee kutaa bulchiinsa magaalaa Addis Katamaa iddoo addaa Markaatoo Dhaaba Gaazii jedhamutti too’annoo jala ooleera.

Haadni lafa keessaa qotamee ba’e kun sarara maamiltoota Iityoo – Teeleekoom ta’uun ibsameera.

Bifuma walfakkaatun kutuma magaala kanatti iddoo Mana Daabboo Ityoophiyaa jedhamuttis sararri bilbilaa lafa keessaa qotamee ba’e harkaaf harkatti too’annoo jala ooluu isaa qajeelchi poolisii kutaa magaalichaa beeksiseera.

Shakkamtoonni lamas harkaa harkatti too’atamaniiru.

Shakkamtoonni kunneen yakkicha lixa aduu daheeffatanii raawwachaa kan turan ta’uu ragaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.