Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni maallaqa ni baay’ifna jechuun Birrii miiliyoona 1.5 waliin dhahuuf yaalaan to’ataman

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Shakkamtoonni maallaqa ni baay’ifna jechuun Birrii miiliyoona 1.5 waliin dhahuuf yaalaan to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.
Dhimmi namoota kanneenii qoratamaa jiraachuu ibsameera.
Namoonni kunneen Kutaa magaalaa Boolee aanaa 13 iddoo addaa Boolee Hoomsi jedhamuun beekkamutti to’atamuu himeera.
Lammiin Naayijeeriyaa maallaqa baay’isuuf fakkaattoota isaa waliin socha’aa ture eeruu argameen Poolisiin sakattoo gaggeessuun maallaqa namni dhuunfaan akka baay’atuuf laate miiliyoona 2 keessaa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 fi kuma 55 ol waliin to’annoo jala ooluu ibsameera.
Dabalataan iddoo jedhametti waraqaan hamma Birriin murame hedduu, Keemikaala fi maashina maxxansaa waliin to’atamuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.