Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni meeshaalee diriirsa bishaan dhugaatii birrii miiliyoona 21 olitti tilmaamamu hatan 7 to’ataman

Finfinnee, Amajjii 22, 2016 (FBC)- Namoonni meeshalee diriirsaa bu’uuraalee misoomaa bihaan dhugaatii Birri miiliyoona 21 olitti tilmaamaman hatuun shakkaman torba to’annoo jala oolfaman.

Shakkamtoonni kunneen Kutaa Magaala Lammii Kuraa Aanaa 3tti moora Daandiin Qilleensaa Itiyophiyaa ijaarsisaa jiru keessatti gochicha raawwachuun ibsameera.

Meeshaleen hatamanis Dhaabbannii Konistiraaksinii Afrootsiyoon diriirsa bishaan dhugaatiif oolan mankuusaa keessaatti kuufaman akka eegumsa taasisaniif namoota itti gaafatamni kennameef waliin ta’uun kan raawwatame ta’uu Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalichaatti Itti Gaafatamaan Qorannoo Yakkaa Buufata Polisii Naannawaa Shabalee Inispeektara Ittaanaa Dabbabaa Kalalawuu ibsaniiru.

Meeshaleen kunneenis Birrii miiliyoona 21 fi kuma 959 olitti kan tilmaamaan yoo ta’u, shkkamtootaa to’atamanirrattis qorannoon taasifama ajiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.