Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoota to’annoo seeraa jala oolan 4,183 irratti himanaan banamuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 20, 2013 (FBC)- Shakkamtoota to’annoo seeraa jala oolan 4,183 irratti himanaan banamuun ibsame.
Du’a Artiistii Hacaaluu Hundeessaa hordofuun shakkamtoota to’annoo seeraa jala oolan 9,063 keessaa galmee 559tti adda qooduun namoota 4,183 irratti himatni banamuu Abbaan Alangaa Oromiyaa fi Koomiishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
.
Waxabajjii 22/2012 du’a Artisti Hacaaluu Hundeessaa hordofuun hokkora uumameen lubbuun namoota 167 yoo badu, miidhaan qamaa 360 fi qabeenyi Birrii biiliyoona 4.6tti tilmaamamu baduun ibsameera.
Jeequmsa uumameen booda qindoomina Abbaa Alangaa Federaalaa fi Oromiyaa, Koomishinii Poolisii Federaalaa fi Oromiyaa, hirmaannaa mootummaa naannoo Hararii fi eeruu hawaasatiin shakkamtootni 9,063 to’annoo seeraa jala olfamaniiru.
Ibsa waloon laatame kanaan yeroo ammaa akkaataa aangoo naannoo fi federaalaaf kennameen shakkamtootni ragaan irratti qulqullaa’e 2,351 naannoo Oromiyaatti, himatamtoonni 3,314 federaalatti 63 ammoo naannoo Hararitti himannaan irratti banameera jedhameera.
Abbaan Alangaa Oromiyaa obbo Huseen Usmaan saffisaan murtii kennuuf dhaddacha bakkeewwan dhiyootti banuun abbootiin dhimmaa baasii dabalataaf akka hin saaxilamnee fi yeroo qusachuuf kan hgojjetamu ta’uu ibsan.
Komiishinii Poolisii Oromiyaatti itti aanaan qorataa yakkaa Koomishinar Girmaa Galaan namni tokko yakka dalagee seera jalaa ba’uu fi yakka dalaganii dhokatani jiraachuun akka hin danda’amne ibsaniiru.
Haaluma kanaan namoota yakka dalagan baatii 3f qorachaa turuu ibsaniiru.
Namoota 4183 irraatti qorannoon qindaa’ee mana murtiitti himanni abbaa alangaan banamee falmiin geggeeffamaa jira.
Namoota hiriira irratti argaman yakka xiqqaa fi himata irratti banuun hin malle 4,892 ammoo gorsi kennameefii gara hawaasatti akka makaman taasifamaa jira jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.