Fana: At a Speed of Life!

Shanee dhabamsiisuuf naannoon Oromiyaa fi Amaaraa qindoominaan ni hojjetu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Garee shororkeessaa Shanee dhabamsiisuuf, hojii oppireeshinii Mootummaan fedeeraalaa gaggeessaa jiru milkeessuuf naannoon Oromiyaa fi Amaaraa qindoominaan kan hojjetan ta’uu Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obboo Shimalliis Abdiisaa fi kan Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaala ibsan.

Preezdaantonni naannolee lameenii miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Preezidaantoonni naannolee lameenii humna shororkeessitootaa dhabamsiisuuf hojii qindoominaan hojjetamuu qabuurratti mari’ataniiru.

Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimalliis Abdiisaa hojii oppireeshinii ji’oottan arfan darbaniif hojjetameen humni Shoroorkeessaa Shanee abdii kutachuun, ummatarratti tarkaanfii abdii kutannaa fudhachuu isaa ibsaniiru.

Humni shoroorkeessaa Shanee Uummata Oromoorrattiis ta’e saba biraarratti tarkaanfiin fudhachaa jiru abdii kutannaa fi dhumni finxaaleessummaa saba ofii nyaachuu ta’uu kan mul’isu akka ta’e himaniiru .

Humna kana dhabamsiisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa Mootummaa Naannoo Amaaraa waliin qindoominaan kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Dabalataanis Bara bajaataa 2014 proojektiiwwan kumni 20 fi 70 baasi Birrii biiliyoona 42.56n hojjetamuun tajaajila hawaasaaf banaa ta’uu Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo  Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.

Proojektoota hojjetaman kanneenirraa hawaasni miiliyoonni 28 fayyadamoo ta’uu Preezidaant Shimallis kaasaniiru.

Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal kaffaalaan gama saaniin Uummanni Oromoo fi Uummanni Amaaraa hariiroo seenaarratti hundaa’e, haariiroo obboolummaa qabaachuu isaanii eeruun, diina lammilee biyyattii hundaa kan ta’e humna shoroorkeessaa Shanee dhabamsiisuuf qindoominaan kan hojjetan ta’uu dubbachuu ragaan Waajjira Preezdaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.