Fana: At a Speed of Life!

Shariikummaa gadadoo keessaa ba’uuf imala Shikkirrii

Finfinnee, Fulbaana 19, 2015 (FBC)- Aadde Elemaa Bulee Jiraattuu Godina Booranaa Aanaa Yaaballoo ganda Diida Yaabaalloo yoo taatu maqaa masoo Shikkirrii jedhamuun beekamti.

Aadde Elemaan Ijoollee horsiisee bulaa carraa barnoota hin argatiin keessaa ishee tokko.

Maatiin ishees utuu horii eegsifatanii heerumsiisan. Abbaan warraa ishees nama harka qalleesaa waan ta’eef erga heerumteen booda gadadoon dhaanamuun waan nyaataanii bulaan dhabuun rakkachaa akka turan dubbatti.

Guyyaa tokko waan nyaannu dhabnee daakuu xaasaa walakkaa namarraa kadhannee ittiin bulle beekna jechuun sadarkaa hiyyummaa keessa turtee ragaa baati Aadde Elemaan/shikkirriin.

Rakkoo kana keessaa bahuuf daldala xixiqqoo eegalte.

Gara gabaa deemuun dhadhaa bittee gurguruun Birrii walitti qabatteen jiboota afur bitattee Abbaa warraa isheetti kennuun hojii daldalaa itti fufuu ibsite.

Hojii daldalaatti  cimtee hijjechuun doqdoqqee  bittee nama oofutti keennatte. Haata’uu malee namichi isheen itti kennatte galii isheen yaadde galchuufi  akka hin dandeenye dubbatti.

Doqdoqicha namicharraa fuutee ofii oofuun hojii daldalaa ishees  itti fufte. Akkuma galiin ishee dabalaa dhufeen baabura midhaan daaku ganda ishee keessatti dhaabde.

Hojiin ishee kunis firii  dadhabbii ishee argamsiisaa dhufe .

Aadde Elemaan yeroo ammaa Abbaa Warraa isheefis doqdoqqee bituun  hojii daldalaa irratti akka bobba’u taasisteetti.

Yeroo ammaa Magaalaatti Mana ijaarrachuun, tiraakteera qonnaa bitachuuf qophiirra jiraachuu ibsiti.

Kaleessa daaquu xaasaa walakkaa liqeeffatanii nyaatanii kan bulan aadde Eleemaanfaa har’a Kaappitaalli waliigalaa isaanii Birrii miiliyoona Afur ol akka ta’e dubbachuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.