Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Lixaa aanaa Ejeree ganda Dhiibuutti lolaa mudateen abbootiin warraa 526 rakkoof saaxilamaniiru

Finfinnee, Hagayya 6, 2012 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Ejeree ganda Dhiibuutti lolaa mudateen abbootiin warraa 526 rakkoof saaxilamaniiru.
 
Lolaan kun kan mudate lagni Awaash guutee qa’ee jiraattotaa dhuunfachuu isaatini.
 
Lolaan kun guyyaa kaleessaa halkan sa’aa jaha booda kan mudate yoo ta’u; abbootiin warraa kunneen maatii isaanii waliin karaa bahan dhabuu OBN gabaasera.
 
Hojiin namoota baasuu yaalamaa kan jiru ta’uu bulchaan bulchiinsa godinichaa obbo Diriirsaa Waaqumaa dubbataniiru.
 
Haata’u malee bidiruun jiru xiqqaa waanta’eef hojii namoota baasuu ulfaataa taasisaa jiraachuun ibsameera.
 
Lammiilee kanaaf deeggarsi nyaataa fi beelladaa akkasumas bakki itti turan hatattamaan kan isaan barbaachisu ta’uun himameera.
 
Miidhaan qabeenyarra qaqqabe hanga ammaa hin tilmaamane.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.