Fana: At a Speed of Life!

Shirri diinagdeerratti taasifamaa jiru qaama waraanaa Ityoophiyaa diiguuti jedhame

Finfinnee, Hagayya 18, 2013 (FBC) – Shirri diinagdeerratti taasiifamaa jiru qaama waraanaa Ityoophiyaa diiguuf xaxamaa jiru keessaa tokko ta’uu ibsame.
Jiijjiirama aarsaa hedduun itti kanfalame gufachiisuuf ABUT fi ergamtoonni isaa shira dalagaa jiran keessaa tokko diinagdeerratti ta’uu ibsameera.
Humnoonni kunneen meeshaalee alaa galanii fi biyya keessaarratti shira dalaguun qaala’iinsi jireenyaa akka uumamu taasisaa jiraachuu eerameera.
Yeroo ammaa humna qaban hundaan hojjechuun ummanni akka dararamuu fi mootummaa akka komatu taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamoolee shira daba diinagdee keessati qooda fudhatanirratti tarkaanfii fudhachuu eegaleera jedhame.
Hojii gama kanaan hojjetamaa jiru milkeessuuf hawaasni qooda isaa ba’uu akka qabu gaafatamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.