Fana: At a Speed of Life!

Sirna barnootaa haraan barattoonni kutaa 12ffaa si’a xumuran abbaa oogummaa ta’u – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Sirna barnootaa haraan barattoonni kutaa 12ffaa si’a xumuran abbaa oogummaa akka ta’an Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa waliigalaan damee barnootaa keessa barnoota oogummaa damee oogumma hunda laachuun ogeessa cimaa uumuuf xiyyeeffannoo kenninee hojjechaa jirra jedhaniiru.

Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaa kana kan jedhan wayita marii Karoora barnootaa waggoota 10 dhufaniirratti gaggeeffamedha.

Barnoota sadarkaa 2ffaa irratti barataa oogummaa qabu uumuuf akka hoojetamu ibsaniiru.

Kana malees barnoonni ga’eessotaa fi idileen alaa yeroo itti aananitti ciminaan akka itti fufan ibsameera.

Beekumsa gara gadiitti buusuun hundaafuu dhaqabamaa akka ta’u gochuun karoora waggoota 10 keessaa ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.