Fana: At a Speed of Life!

Sirna diinagdee cimaa  haala siyaasaa fi diinagdee addunyaa bu’uureffate ijaaruun barbaachisaadha- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Misooma diinagdee Ityoophiyaa bu’a qabeessa taasisuuf sirna diinagdee cimaa  haala siyaasaa fi diinagdee addunyaa bu’uureffate ijaaruun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Ambaasaaddar Reedwaan kana kan jedhan leenjii ambaasaaddaroota haaraa muudamaniif laatamaa jirurratti ta’uu ibsameera.

leenjichi oolmaasaa guyyaa har’aatiin mata duree “ Diinagdee biyya keessaa fi dippiloomaasii diinagdee  ” jedhurratti ibsi kennamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Haala yeroo addunyaa xiinxaluun haala faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa kabachiiseen diinagdeen dippiloomaasii cimee kan itti fufu ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan ibsaniiru.

Sirni fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa carraa hojii uumuu, yaa’iinsa invastimantii, diinagdee maakroo ijaaruu fi  guddina hawaasummaa fiduu  kan dandeessisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaaliny eeraniiru.

Waggoottan lamaan darbanitti Cabiinsa diinagdee sababa weerara vaayrasii koroonaa mudachuuf turanii fi rakkoolee duula birmadummaa  dandamachuun Ityoophiyaatti guddina diinagdeerratti bu’aan galmaa’uu kaasaniiru.

Yeroo ammaas hojiin diinagdee si’eessuu kan itti fufu ta’uu fi dandettii galii walitti qabuu guddisuu, oomishtummaa fi gabaa kaappitaalaa babal’isuu fi piraayveetaayzeeshiniin cimee kan itti fufu ta’uu addeessaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.