Fana: At a Speed of Life!

Sirna fedhiifi faayidaa uummata itti fufiinsaan mirkaneessuu danda’u ijaaraa jirra – Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2016 (FBC) – Sirna fedhiifi faayidaa uummata itti fufiinsaan mirkaneessuu danda’u ijaaraa jirra jedhan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan.
Sirna diimokiraasii sabdaneessaa obbolummaafi walqixxummaa bu’uura godhate ijaaruu irratti argamna jedhan.
Waggoota lamaafi walakkaa dabarsineen hojii ijaarsa sirnaa irratti fuulleffate, diinagdee bu’uura ummataa qabuufi badhaadhina maatii giddu galeeffate irratti xiyyeeffachuun hojiileen hojjetamaniin milkaa’inni argamuu dubbataniiru.
Jijjiiramoonniifi milkaa’inoonni gurguddoon gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan waggoottan lamaafi walakkaa dabarsine keessatti akka biyyaafi naannootti galmaa’an galma boruu kan akeekanidha jedhan.
Galmoota misoomaa qabanne dhugoomsuuf inisheetiiviiwwan garaa garaa bocnee hojiirra oolchineen bu’aa olaanaa galmeessuus dandeenyee jirra jechuun eeraniiru.
Sirna jabaa ijaaruun hawaasa diinagdeen cimsuuf baajata mootummaa qofa eeguu osoo hin taane humnoota waloo qindeessuun hirmaannaa ummataan dabaallee hojiitti galchuun jalqabbiiwwan jiran daraan cimsuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Waajjirri Caffee Oromiyaa Milkaa’inoota waggoottan darban cimsuufi hanqinoota mul’atan akkataa maqsuun dandaa’amu irratti Magaalaa Adaamaatti mari’ateera.
Imala Milkaa’inaa waggoota lamaafi walakkaa giddu gala godhate irratti sanadni mariif qophaa’e dhiyaatee mariin gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf
;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.