Fana: At a Speed of Life!

Sirna imala gara biyyaa “Iidii hanga Iidii” marsaa 2ffaa kabajuuf diyaaspoorawwan gara biyyaa galaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Sirna imala gara biyyaa “Iidii hanga Iidii” marsaa 2ffaa kabajuuf diyaaspoorawwan gara biyyaa galaa jiraachuu ibsameera.
Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis Buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa Booleetti argamuun keessummoota simataniiru.
Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoon Diyaaspoorawwan dhimma biyyaarratti hubannoo ga’aa akka argatan, hirmaannaa misoomaa, invastimantii fi ijaarsa biyyaarratti dammaqinaan akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Dhimma biyyaarratti kallattiin hirmaachuuf diyaaspoorawwan hedduun bara kana gara biyyaa seenuu isaanii eeraniiru.
Sagantaan imala gara biyyaa Iidii hanga Iidii marsaa 2ffaan Magaalaa Finfinnee fi naannoleetti sirnoota garaagaraan kan kabajamu ta’uu Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.