Fana: At a Speed of Life!

Gannaalee Daawwaa III ebbifame

Finfinnee,  Amajjii 26, 2012(FBC) –Proojaktiin madda anniisaa elektirikaa Gannaalee Daawwaa ebbifame.

Sirni eebbaa Proojaktii Gannaalee Daawwaa 3ffaan guyyaa har’aa bakka Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimaad, aanga’oonni olaanoon fi hawaasni naannoo hedduun argamanitti gaggeeffameera.

Proojaktiin Gannaalee Daawwaa humna ibsaa Meeggaa Waattii 254 Maddisisa danda’a jedhameera.

Ijaarsi isaa bara 2003 kan eegalame yoo ta’u, Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 4 fi miiliyoonni 51 baasii itti ta’eera.

Gannaalee Daawwaa 3ffaan daangaa Godina Gujii fi Baalee laga Gannaalee irratti, Finfinnee irraa Kiilo Meetira 630 fagaatee argama.

Tarbaayinoota humna anniisaa Meegaa Waattii 84.7 maddisiisan 3 kan qabu yoo ta’u, dheerina meetira 110, bal’ina meetira 426 qaba jedhameera.

Hidhaan hojjetame bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 2.6 akka qabatu ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.