Fana: At a Speed of Life!

Sirni eegalchiisa Piroojektii dhiyeessa Humna Elektirikaa lammiilee miiliyoona 3.7 fayyadamoo taasiisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC) – Maallaqa Doolaara miiliyooan 500 Baankii Addunyaarraa argameen kan raawwatamu sirni eegalchiisa Piroojektii dhiyeessa Humna Elektirikaa lammiilee miiliyoona 3.7 fayyadamoo taasiisuu gaggeeffamaa jira.

Baankii misoomaa Itiyoophiyaa, Baankii Addunyaa fi Ministeera Bishaanii fi Inarjiin kan hojjetamu Ijaarsi Piroojektii kanaa waggaa 6 keessatti xumurama jedhame.

Dhiyeessa Elektirikaa lammiilee fooyyesuu fi amansiisaa taasiisuuf pirojektii hojiirra oolu ta’uu Itti Aanaan pireezidaantii Baankii Misoomaa Itiyoophiyaa Geetaachoo Waaqeen ibsaniiru.

Dhiyeessa Tajaajila Elektirikaa mana keessaa, tajaajila hawaasummaa fi dhaabbilee daldalaa fooyyeessuuf piroojektii hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Magaalaa fi Baadiyyaa iddoolee sararri Elektirikaa hin qaqqabnetti Elektirika tajaajila mana keessaa, Daldalaa fi Tajaajila hawaasummaaf oolu dhiyeessuuf ta’uu dubbataniiru.

Maahileet Taklabirihaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.