Fana: At a Speed of Life!

Sirni lammiilee fi dhalattonni Ityoophiyaa Ameerikaatti argaman bakka jiraan ta’uun paaspoortii fi waraqaa eenyummaa dhaloota Ityoophiyaa haaressuu fi keennu dandeessisu hojiirra oolu eegale

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC)- Sirni lammiilee fi dhalattonni Ityoophiyaa gara Imbaasii osoo hin deemin bakka jiran ta’uun paaspoortii fi waraqa eenyummaa dhaloota Ityoophiyaa (Origin ID) haaressuu fi keennu dandeessisu hojirra oolu eegaleera.

Sirnichi Eejansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa fi Immiigreeshinii lammummaa Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaa fi kaampaanii teeknooloojii Viidichaar jedhamu waliin ta’uun hojiirra oolu kan eegale.

Sirnichatti kan fayyadaman paaspoortii haareeffame ykn waraqaa enyummaa dhaloota guyyoota 15 keessaatti argachuu ni danda’uu jedhameera.

Dabalataniis gara imbaasiitti deddeebi’uun qisaasamni yeroo fi baasiin hin jiraatu.

Sirni diriiree kun baatiwwan 6f yaaliirra kan turuu fi jijjiirrama fide gamaggamuun, bu’aan isaa ilaalamee imbaasiwwan Ityoophiya biyyoota biroo keessaatti argamaniif sadarka sadarkaa hojirra ni oola jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.