Fana: At a Speed of Life!

Sirni Tarbaayina 2ffaa HGHI anniisaa maddisiisuu eegalchiisuu gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Sirni Tarbaayina 2ffaa Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa anniisaa maddisiisuu eegalchiisuu gaggeeffamaa jira.

Guyyaa har’aa yuunitoota jiran keessaa yuunitii 9ffaan anniisaa meegaa waatii 270 maddisiisuun ni eegala.

Yuunitii 10ffaan kana dura anniisaa maddisiisuu eegaluun kan yaadatamuudha.

Yuunitoonni lameen waliigalaan anniisaa elektirikaa meegaa waatii 540 maddisisuu kan danda’an yoo ta’u, kunis anniisaa Gibee 1ffaa fi 2ffaan waliigalaan maddisiisaniin walqixa jedhuudha.

Hidhaan Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa olka’iinsa meetira 155, dheerina Kiiloo Meetiraa 1.8 kan qabuudha.

Kana malees, yabbinni hidhicha gara jalaatti meetira 130 yoo ta’u, gararraan isaa meetiraa 11 fi wayita xumuramu lafti bishaan irra ciisuu kiiloo meetira 246 dheerata.

Akkasumas lafa iskuweer kiiloo meetira kuma 1 fi 875 irra kan ciisuudha.

Hidhichi bishaan kiyuubik meetirii biiliyoona 74 qabata.

Yuunitootaa anniisaa maddisiisan 13 kan qabuu fi tokkoon tokkoo yuunitootaa anniisaa meegaa waatii 375 maddisiisuu danda’u jedhame.

Guutummaatti wayita xumuramu anniisa meegaa waatii kuma 2 biyyoota ollaaf gurguruun waggaatti galii Doolaaraa miiliyoona 580 argamsiisa jedhamee tilamaama.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.