Fana: At a Speed of Life!

Sirni walharkaa fuudhiinsi Xombora Olompikii raawwatame

Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Naannoon Oromiyaa Xombora Olompikii naannoo Affaarirraa fuudhuun naannoo Amaaraatti dabarsee kenneera.

Sirni wal harkaa fuudhinsaa kun har’a magaalaa Bishooftuutti bakka hooggantoonni naannoofi federaalaa akkasumaas koreen olompikii argamanitti gaggeeffameera.

Sirna wal harkaa fuudhinsaa xombora Olompikii kana sababeeffachuunis deemsi miilaa kiiloo meetira 5 gaggeeffameera.

Hoggaanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabboqaa sirna kanarratti haasawa taasisaniin qajeeltoo olompikii bu’uura godhachuun Godinaalee fi Magaalaa hundarratti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Keessattuu gandoota hunda keessatti lafa hekteera tokko ispoortiif akka mijaa’u taasisuurratti bu’aa guddaan argamuu himaniiru.

Sirna wal harkaa fuudhiinsaa kanarratti pireezdaantiin Federeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuun Komishinaraa Daraartuu Tulluun Olompika Paarisirratti qabxii boonsaa galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Pireezdaantiin koree Olompikii Itiyoophiyaa Dooktar Ashaabbir W/Giyoorgis gama isaaniitiin Olompika bara 2024irratti yeroo kamuu caalaa qabxii gaarii galmeessuuf qophiin taasiifamaa jiraachuu himaniiru.

Ministir Deetan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasadar Burtukaan Ayyaanoon gama isaaniin ispoortiin dippiloomaasii tahuun dubbataniiru.

Ispoortiin gama hundaan cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Naannoon Amaaraa Xombora Olompkii kana naannoo Oromiyaarraa fudhachuu odeeffannoon Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaarraa arganne ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.