Fana: At a Speed of Life!

Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun sirna Afxiraa gaggeessuuf qophiin xummurame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2013 (FBC) – Sooma Ramadaanaa waggaa 1442ffaa sababeeffachuun magaalaa Finfinneetti sirna Afxiraa gaggeessuuf qophiin xummuramuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiise.
Sagantichi Baambisii hanga addabaabayii Meeksiikootti kan gaggeeffamu ta’uu isaan dhiibbaan tiraafikaa akka hin muudanneef daandiiwwan yeroof cufaman jiraachuu ibseera.
Haaluma kanaan:-
• Qidduus Uraa’elii gara Addabaabay Masqalaa
• Olompiyaa gara Addabaabayii Masqalaa
• Kifala xoorii 4ffaa gara Addabaabayii Masqalaa
•Mana Murtii olaanaa, Laga Haarii gara Addabaabayii Masqalaa
• Gommaa Qoxxobaa gara Addabaabayii Masqalaa
• Kiiloo 4 gara Addabaabayii Masqalaa
•Kaasaanchisii gara Addabaabayii Masqalaa
• Xiqur Ambassaa gara Addabaabayii Masqalaa
• Addabaabayii Teediroosii gara Addabaabayii Masqalaa
• Mana Maxxaansaa Daldalaa gara Addabaabayii Masqalaa
• Meetirooloojii gara Addabaabayii Masqalaa daandiin fudhatan hundi hanga sagantichi xummuramutti tajaajila tiraafikaa kan hin laanne ta’uu Komishinichi beeksiiseera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.