Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin duula ittisaa fi qorannoo weerara vaayrasii koroonaa eegalame

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Bara haaraa dhufu, bara sodaarraa bilisa ta’ee fi fooyya’aa ta’e taasisuuf baatii Hagayyaa of eeggannoo cimaan darbuun barbaachisaa ta’uu himame.
 
Duulli ittisa fi qorannoo vaayrasii koroonaa kun mata duree ‘kamiiyyuu’ jedhuun har’a ifatti eegalame.
 
Duula sosochii ittisaa fi qorannoo ilaalchsee itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin qooda fudhattoota garaagaraa waliin marii taasisaniiru.
 
Sagantaa kanarratti rakkooleen laabraatoorii, iddoolee tursaa fi dhiibbaan naannoo daangaa jiru ka’uun irratti mari’atameera.
 
Duula sosochii ittisaa fi qorannoo biyyaalessaa kanaan torbee lamaan dhufan keessa namootaa kuma dhibba 2f qorannoo taasisuu fi namoota miiliyoona 17 sakkattoo mana manarraa gaggeessuuf karoorfamuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.
 
Bu’aan qorannoo kanaan argamu hojii bara dhufu keessa raawwatamuuf bu’ura ta’a jedhame.
 
Duula kana keessatti barsiisootaa fi barattoota hirmaachisuun ga’ee olaanaa qaba jedhameera.
 
Kutaaleen hawaasaa sadarkaa garaagaraa jiran duula qorannoo fi sosochi ittisaa kana milkeessuuf qooda isaanii ba’uu akka qaban gaafatameera.
 
Preezdaantoonni naannolee fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu sagantaa baniinsa duulaa fi sosochii kanarratti hirmaataniiru.
Tigist Abrahaamtu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.