Fana: At a Speed of Life!

Sudaan Kibbaa dhimmoota nageenyarratti Ityoophiyaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’u ibsite

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Aanga’oonni Olaanoon odeeffannoo Waraanaa Sudaan Kibbaa fi Ityoophiyaa dhimmoota nageenyaa fi tasgabbiirratti tumsaan hojjechuuf Finfinneetti mari’ataniiru.

Dameewwan biroonis tumsaan hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Dhimma nageenyaa fi tasgabbiirratti hundi qindoominaan hojjechuu akka qabu ka’eera.

Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa nageenya waloo biyyoota lamaanii mirkaneessuuf, tasgabbii naannawaa tumsaan kabachiisuuf qindoominaan hojjechaa turuu isaanii Raayyaa Ittisaa Sudaan Kibbaatti itti gaafatamaan odeeffannoo waraanaa Leetanaal Jeneraal Maarshaal Isteevan Baabaanan ibsaniiru.

Yeroo itti aanuus dhimmoota tasgabbii fi nageenyarratti tumsaan kan hojjetan ta’uu kaasuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaa FDRI irraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.