Fana: At a Speed of Life!

Sukkaarri kuntaalli 865 fi loon seeraan ala fe’amuun imalchiifamaa turan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti sukkaarri seeraan alaa kuntaalli 865 to’atamuu waajjiri poolisii magaalichaa beeksise.

Waajjirichatti qorataan yakkaa fi ittisa balaa tiraafikaa gargaaraa saajiin Addisuu Iinsaa, sukkaarri eeyaamni isaa warshaa sukkaaraa Fincaa’aa hanga Finfinnee ture konkolaataan fe’amee Finfinnee darbuun iddoo biraatti osoo imalaa jiruu to’atamuu ibsaniiru.

Sukkaarri Birrii miililyoona 1 fi kuma dhibba 7 ol baasu seeraan ala geejibsiifamaa ture to’atamuun mootummaaf galii yoo ta’uu, Konkolaachiiftoonnis to’annoo jala ooluun adabbiin itti laatameera jedhame.

Oduu biroon godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamaatti loon seeraan alaa 54 to’annoo jala oolaniiru.

Loon kunneen godina Arsiirraa ka’uun seeraan ala fe’amanii osoo geejibsiifamaa jiranuu to’atamuu waajjiri Gabaa aanaa Adaamaa beeksiseera.

Daldaltoonni loon kanneen oofaa turan warreen eeyyama daldalaa hin qabne akka ta’anii fi yeroo ammaa to’annoo seeraa jala jiraachuun ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.