Fana: At a Speed of Life!

Sukkaarri kuntaalli miiliyoonni 2 alaa galuurratti argama

Finfinnee, Hagayya 29, 2012 (FBC) – Ayyaana bara haaraa sababeeffachuun hanqinni Sukkaaraa akka hin mudanneef Sukkaarri kuntaalli miiliyoonni 2 bitamuun gara biyyaa seenaa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksise.
 
Fedhiiin jiruu fi Sukkaarri biyya keessatti oomishamaa jiru walgituu dhabuu isaani qaala’iinsa gabaa uummame tasgabbeessuuf Sukkaarri kuntaalli miiliyoonni 2 bitamee alaa gala jiraachuu Ministeerichatti daayreektarri dhimmoota Koominiikeeshiinii obbo Wandimmuu Falaattee ibsaniiru.
 
Hawaasni hamma sukkaaraa barbaadu akka argatuuf Koorporeeshinii Sukkaaraa waliin qindoomniaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Sukkarri alaa galu argamu akkuma jirutti ta’ee baatii lamaan dhufaniif kan ga’u sukkaarrii ga’aan jiraachuu Koorporeeshinii Sukkaaratti itti gaafatamaan hordoffii dhiyeessii fi kuusaa obbo Dassaaleenyi Tasammaan ibsaniiru.
 
Daldaltoonni fi faddaaltoonni seeraan alaa oomisha dhoksuun gatii dabaluun qaala’iinsi gabaa akka uummamu taasisaa waan jiraniif hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu kan hojjetamu ta’uu obbo Wandimmuun dubbachuu isaanii ragaan Ministeericharraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.