Fana: At a Speed of Life!

Suuppar Liigiin Tarkii gochaalee admalee namuusa Ispoortii hin madaalle keessummeessaa jiraachuu himame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2016 (FBC) – Taphni Kubbaa Miilaa Suppar Liigii Tarkii gochaalee Ispoortii Ammayyaa hin madaalle keessummeessaa jiraachuu himameera.

Tapha Dilbataa kaleessaa taphatameen, deeggartoonni Tiraabzonispor gara dirree seenuun, taphattoota Feenarbaachii haleeluu ibsameera.

Tapha Istaadiyiemii Paappaaraa Paark, Tiraabzonitti gaggeeffame kanaan Feenarbaachii 3 fi 2n kan mo’ate yoo ta’u, taphattoonni injifannoo isaaniin gammadaa wayita jiranitti miidhaan irra gaheera.

Gochaan kun Ministira Biyya keessaa Tarkii haalaan dheekkamsiisera.

Dirree kubbaa miilaa keessatti hokkorri mudatu haala kamiinuu fudhatama hinqabu jedhan Ministirri Ministeera Biyya Keessaa Tarkii Alii Yerlikaayaan.

Deeggartoota gara dirree seenan adda baasuu fi taateewwan taphaan booda mudatan baruuf, hatattamaan qorannoon jalqabamuu ibsaniiru.

Daqiiqaa 87’ irratti Baatshu’aayiin gachii Fenarbaachiif lakkoofsisuu hordofee, deeggartoonni meeshaalee adda addaa dirree keessatti darbachuu eegaluu eerameera.

Galchii kanaanis gareen Fenarbaachii taphicha olaantummaan goolabeera.

Federeshinii Kubbaa Miilaa Tarkiis “taatee fudhatama hinqabne” jechuun balaaleffateera.

Suuppar Liigiin kubbaa miilaa Tarkii bara taphaa 2023-24 keessa, taateewwan admalee ta’an keessummeessuun kan jalqabaa miti.

Baatii Mudde keessa Abbaan Murtee tokko pireezidantii kilaba ‘MKE Ankaragucu Faruk Koca’ jedhamuun haleelamanii turuu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.