Fana: At a Speed of Life!

Suuraan uffata seeraa Raayyaa Ittisaa uffatanii dhaabbilee amantaa wayita waaqeeffatan muul’ate qulqullaa’ee tarkaanfiin ni fudhatama jedhame

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC) – Uffata seeraa Raayyaa Ittisaa uffachuun dhaabbilee amantaan garaagaraa keessatti wayita waaqeeffatan suuraan muul’atu qulqullaa’ee tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Raayyaan Ittisaa beeksise.
Raayyaan Ittisaa amantaa kamiiyyuurraa bilisaa fi walaba ta’uu daayreektarri Sabqunnamtiin Ummataa Raayyaa Ittisaa Konooneel Geetinat Adaanaan ibsaniiru.
Raayyaan Ittisaa paartii siyaasaa kamiiyyuufuu kan hin loognee fi amantaa kamiiyyuu kan hin gaggeessine ta’uu heera mootummaa fi sanada dambii bulchiinsa tarsiimoo raayyaa ittisaa irratti tumameera jedhan.
Yaa ta’uutii yeroo dhiyoo as uffata seeraa Raayyaa Ittisaa fakkaatu uffachuun dhaabbilee amantaa garaagaraa keessatti wayita waaqeffatan ragaan agarsiisu muul’achuu dubbataniiru.
Gochaan kun dhaabbilee haqaa waliin ta’uun qulqullaa’ee tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu hubachiisuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni agarsiisa.
Miseensota Raayyaa Ittisaa gochaa akkasii raawwatan adabbiin hanga waggaa 5 kan itti murtaa’u ta’uu ibsaniiru.
Miseensooni kunneen amantaa mataa isaanii hordofuu mirga qabu kan jedhan Konooneel Geetinat, uffataa seeraa Raayyaa Ittisaa uffatanii sirna waaqeffannaa kamiiyyuu gaggeessuun dhorkaa ta’uu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.