Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila fayyaa qulqullina qabu kennuuf damee fayyaaf xiyyeeffannoon Kennamuu qaba jedhame

Finfinnee, Caamsaa 4, 2014 (FBC) – Tajaajila fayyaa qulqullina qabu fi Saffisaa ta’e kennuuf damee fayyaaf xiyyeeffannoon Kenname hojjatamuu akka qabu ibsame.

Yaa’iin barnoota fayyaa 10ffaan Yuunvarsiitii Haramayaatti gaggeeffamaa  jira.

Yaa’icharratti Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Aadde Saaharallaa Abdallaa dabalatee bakka bu’oonni Dhaabbileee Barnoota olaanoo fi qooda fudhattoonni hirmaataniiru.

kaayyoon yaa’ichaa  hanqinootaa fi ciminoota jiran adda baasuun tajaajila qulqullinaa fi saffisa qabu kennuuf ta’uu aadde Saharallaan ibsaniiru.

Kana milkeessuuf dhaabbileen barnoota olaanoo qulqullina barnootaa damee fayyaa fooyyessuuf hojjachuu qabu jedhan.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.