Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila ummataaf kennamu fooyyeessuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinne, Sadaasa 17, 2013 (FBC)- Tajaajila ummataaf kennamu fooyyeessuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Paabilik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa Oromiyaa beeksise.

Rakkoowwan tajaajila ummataaf latamuun waliin wal qabatee jiru qorannoodhaan adda baasuun irratti hojjetamaa jiraachuusaa biirichi ibseera.

Hanqinoota dandeettii fi beekumsa gaggeessaa fi hojjetaa biraa jiru  qorannoon adda baasuun qisaasama yeroofi humna namaarratti muul’atan furuuf bara 2013tti bifa haaraan karoorsuun hojjechaa jira jedhameera.

Itti aanaan itti gaafatamaan Biiroo Paabilik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa naannoo Oromiyaa obbo Yaaqob Taaddasaa akka ibsanitti, labsii qajeelfamootaa fi hojimaata seeraa haaraa ogeeyyii hojjetaa mootummaa fi qajeelfamoota adeemsa sirna hooggansa qabeenya namaas sirnaan dagaagee manneen hojii mootummaa mara keessatti hojirra oola jirachuu himaniiru.

Akka gabasaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, hojiiwwan yaad rimee bulchiinsa gaarii fi istaandardii kenniinsa tajaajilaawwan garaagaraa hiikanis kallattii waajjiraalee mootummaa mara keessatti qisaasama yeroo fi baasii barbaachisoo hin taane sirnaan hambisuuf, abbootii dhimma sadarkaan jiraniif tajaajilli saffisa qabu jiraachuu qaba jedhiiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.