Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila wayita kenninu faayidaa argachuu garasitti dhalootaa fi biyya ijaaruuf itti gaafatama lammummaa fi namoomaa bahachuuf ta’uu qaba-TKM

Finfinnee, Qaammee 1, 2015 (FBC)- Tajaajila tokko wayita kenninu faayidaa argamu garasitti dhalootaa fi biyya ijaaruuf itti gaafatama lammummaa fi namoomaa bahachuuf ta’uu akka qabu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi guyyaa tajaajiltummaa Qaammee 1 ilaalchisuun ibsa baaseen, sadarkaa biyyaalessaatti guyyaa har’aa Qaammee 1, 2015’n bagaa geessan jechuun ummataa fi biyya tajaajiluun itti gaafatamaa fi carraa bara jireenyaa isa olaanaadha jedheera.

Namni hunduu bara jireenya isaatti biyyaa fi hawaasa isaa tajaajiluuf itti gaafatama namoomaa kan qabu ta’us, namni hunduu walqixa carraa tajaajiluu argachuu akka qabu ibseera.

Kanneen bara jireenyaa isaanii carraa ummataa fi biyya tajaajiluu argatan hedduu keessaa muraasa ta’uu himuun, tajaajiltummaan carraa fi kennaadha jedheera.

Kana hubachuunis damee irratti bobbaane hundaatti ummataa fi biyya sirnaan tajaajiluun jireenya hiika qabu jiraachuu cinaatti, qaama seenaa biyyaa ta’uuf murteessuun hundarraa eegama jedheera.

Har’a Guyyaa tajaajiltummaa wayita yaadnutti, damee hojii bobbaanerratti itti gaafatamaa fi qoodaa nurraa eegamu miira tajaajiltummaa bahachuun, miira Itiyoophiyaa tajaajiluu guyyaa itti haaressinuu ta’uu ibseera.

Kanaanis guyyichi “Itiyoophiyaa haa tajaajiluu” mata duree jedhuun kan kabajamuu yoo ta’u, tajaajiltummaan akka dungoo guyyaa tokkoof qabsiifamee dhaamuu utuu hintaane, qajeelfama hanga lubbuun jirru ta’uu eereera.

Tajaajiltummaan itti gaafatama biyyaalessaa fi hawaasummaa namni tokko bara isaa raawwatu ta’uun, guyyichi ammoo guyyaa waadaa tajaajiltummaa itti haaressinuudha jedheera.

Guyyichi, “Biyyi koo anaaf maal gootee utuu hintaane, anii biyya koof maalan godhe” jechuun kan itti of gaafannuu ta’uu ibseera.

Waan ta’eefis, tajaajila tokko wayita kenninu faayidaa argamu garasitti dhalootaa fi biyya ijaaruuf itti gaafatamaa lammummaa fi namoomaa bahachuun ta’uu hubatamuu akka qabu eereera.

Tokkoon tokkoo lammiilees hawaasaa isa barsiise, rakkoolee bulchiinsa gaarii qabu gama furuutiin, tajaajilaa haqa qabeessaa ta’uun, tajaajila barbachisaa kennuun itti gaafatama lammummaa isaa bahachuu akka qabu hubachiiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.