Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi Magaalotaa 10tti fooyyessa sararoota raabsaa gaggeessuufi

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC)- Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa magaalota 10tti pirojektii fooyyessa sararoota raabsaa gaggeessuuf akka ta’e beeksise.
Pirojektiin kunis Magaalotaa Naqamtee, Amboo, Bishooftuu, Sulultaa, Dabira Birhaan, Jijjigaa, Hoosaa’inaa, Asallaa fi Diillaatti boqonnaa sadiin kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
 
Pirojektii fooyyessa sarara raabsaa kanaan sararoota giddugaleessaa abbaa kiiloo vooltii 15 kuma 1 fi 278 ijaarsuu fi kan turan kaasuu, akkasumas hojiin fooyyessa tiraanisfoormaroota raabsaa kuma 2 fi 168 kan hojjetamu ta’uu himameera.
 
Pirojktichis maallaqa Baankii Addunyaarraa argame Doolaara miiliyoona 47 olii fi baajata Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaan ramadame Birri miiliyoona 17 fi kuma 892 fi 740’n kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
 
Pirojektichi wayita xumuramu addaan ciccituu fi anniisaan hir’achuu sararoota raabsaa elektirikiirratti mul’atu fooyyessuun fedhii maamiltootaa magaalotatti dabalaa dhufe kan guutuu ta’uun eerameera.
 
Dabalataan magaalotaatti irraa deddeebiin addaa ciccituu sararoota giddugaleessarratti mul’atu %45 fi turtii addaan citiinsaa %50’n kan hir’isu ta’uu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
 
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.