Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Faayinaansii Dijitalawaan “Kaachaa” Jedhamu tajaajila eegale

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2016 (FBC)- Tajaajilli Faayinaansii Dijitalawaan sanadaa kaffaltii dhuunfaa kennu “Kaachaa” jedhamu tajaajila kennuu eegale.

Itiyoophiyaatti taajailichi kan jalqabaa ta’uun kan eerame, eeyyama baankii biyyaalessaaa kan argatee fi tajaajila daddabarsa maallaqaa akkasumas tajaajiloota faayinaansii biroo sadarkaa fi filmaata garagaraan kan hammate ta’uun eerameera.

Sadarkaa yaaliitti tajaajilichi hojiirra oolfamaa akka turee fi kunis milkaa’uun hojiitti seenuun eerameera.

Sirna eegalchisaa tajaajilichaarratti Ministir Deetaan Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin akka jedhanitti tajaajiloota kanneen akka “Kaachaan” kennaman, kan kalaqaan guutamanii fi amanaamummaan isaanii mirkanaa’uun sirna faayinaansii biyyaalessaa keessa galfamuun Dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkeessuuf gahee olaanaa qaba.

Appilikeeshinichi, karaa salphaa fi mijataa ta’een tajaajila faayinaansii fayyadamtootaaf kan dhiyeesse ta’uun ibsameera.

Walitti qabaan Boordii Kaachaa Obbo Tashoomaa Bayyanaa gama isaaniin, kaayyoon “Kaachaa” hirmaachisummaa faayinaansii teeknooloojiin deeggarameen tajaajilamtootaaf tajaajila baankii dijitaalawaa dhiyeessudha jedhaniiru.

Sirna eegalchiisa tajaajilichaarrattis baankota garaagaraa, dhaabbilee Faayinaansii Xixiqqaa fi kanneen biroo waliin hojjechuuf kan dandeessisuu waliigalteen mallatteeffameera.

Taarikuu Waldasanbatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.